Cover of Qarooma Baha Oromiyaa

by Jaalataa Abdullaahii Muhammad

Qarooma Baha Oromiyaa

Seenaa Uummata Harargee

Kitaabni kun seenaa, aadaa, amantiifi qabsoo ummata Baha Oromiyaa (Harargee) waggoota dheeraaf dhokfamee ture ifatti kan baasuudha. Imaamu Ahmad Ibn Ibraahim Al-Gaazii irraa kaasee, Sheek Bakrii Saphaloofi Dr. Sheek Muhaammad Rashaad Abdullee — abbootii qubee Afaan Oromoo — hanga gootota, hayyootaafi qabsaa'ota ammaatti, ragaa sirreeffameen walitti qabee dhaloota har'aafi kan boruutiif dhiyeessa.

The Author

Jaalataa Abdullaahii Muhammad

Jaalataa Abdullaahii Muhammad barreessaa, qorataafi seenessaa seenaa Baha Oromiyaa (Harargee) ti — waggoota lamaaf qorannoofi qo'annoo gadi fageenya qabu booda kitaaba “Qarooma Baha Oromiyaa: Seenaa Uummata Harargee” barreesseera.

Read the author's story →

Inside the Book

A Glimpse Between the Pages

A short preview — the full excerpt collection has more.

Maalummaa Qaroominaa

“Qaroominni dandeettii sammuufi onnee dhala namaa keessatti dukkanarraa gara ifaatti, diigamuurraa gara ijaaramuutti, akkasumas wallaalummaarraa gara beekumsaatti nama kan geeysuudha. Harargeen seenaa keessatti handhuura daldala idil-addunyaafi xurree wal-qunnamtii galaanaati.”

Read more excerpts →

Praise

What Readers Are Saying

“Kitaaba kana keessatti wanniin hubadhe amantiifi amantaa, bilchinaafi qaroomina abbootiin teenya rakkoofi miidhaa hedduu keessa dabranii asiin gahan kana dhaloonni ammaa amaanaa fudhatee itti fufsiisuuf dirqama qaba. Kitaaba kana keessatti seenaa dhokatee tureetu ifatti bahe. Kitaaba dhaloonni hundi dubbisuu qabuudha!”
— Dr. Sabsibee Geetaachun, Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa, barreessaafi barsiisaa Afaanii fi Ogbarruu Oromoo — gulaalaa kitaabichaa
“Kitaaba ‘Qarooma Baha Oromiyaa’ jedhu kana keessatti dhugaafi haqa abbootiin teenya hojjetan bare. Kitaaba seenaafi dhugaa hedduu of keessaa qabuudha.”
— Dr. Abdi Mohaammad, Yuunivarsiitii Haramaayaa — gulaalaa kitaabichaa
“Harargeen biyya ulamaa'otaa, hayyootaa, qabsaa'otaafi wiirtuu tokkummaati. Biyya osoo afaaniin, sabaafi gosaan addaan hin qoodamin jaalalaafi tokkummaan waliin jiraattuudha.”
— Dr. Jeeylaan Kadiir
Read all reviews →

Own a copy of Qarooma Baha Oromiyaa

Available as a printed edition or an instant digital download.

Get the Book