JA
About the Author
Jaalataa Abdullaahii Muhammad
Jaalataa Abdullaahii Muhammad barreessaa, qorataafi seenessaa seenaa Baha Oromiyaa (Harargee) ti — waggoota lamaaf qorannoofi qo'annoo gadi fageenya qabu booda kitaaba “Qarooma Baha Oromiyaa: Seenaa Uummata Harargee” barreesseera.
Biography
Full Biography
Jaalataa Abdullaahii Muhammad ilma Baha Oromiyaati — kan abbaa isaa Abdullaahii Muhaammadiifi haadha isaa aadde Saafiyaa Alii irraa daa'imummaa isaa kaasee guddate. Jireenya isaa guutuu keessatti ustaazoolii fi sheekota garaagaraa — Sheekh Jamaal Haajii Yuusuf, Dr. Ammaar, Sheekh Amiin Ibroo, Ustaaz Anas Muhaammad, Ustaaz Abdurahmaan Husseen, Ustaaz Najjaash Muhaammad, Abbaa Gadaa obbo Muussaa Alii fi kaan irraa barnootaafi qajeelfama argateera.
Waggoota lama guutuu, dadhabbii fi hifannaa takka malee, ganda ganda Baha Oromiyaa deemuun ragaa seenaa sassaabuun, hayyootaafi maanguddoota gaafachuun, akkasumas galmee fi barreeffamoota jiran irratti hundaa'uun kitaaba “Qarooma Baha Oromiyaa: Seenaa Uummata Harargee” jedhu barreesseera. Kaayyoon isaa guddaan, warra seenaa ummata Harargee hin beekne akka baratan gochuu, warri beekan immoo dhaloota ol adeemaa jiru akka barsiisaniif yaadachiisuudha.
Imala kana keessatti obboleessa isaa Haaji Abdallaah Muhaammaditu bakkoota garagaraa deemuun yaada kitaabichaa walitti qabachuu irratti qarshiidhaan isa gargaare; haadha manaa isaa Hilwaa Durriitu immoo dadhabbiin osoo isa hin gahin guyyaa kitaabichi xumurame gahuu isaatiif jajjabina taate. Kitaabichi Dr. Sabsibee Geetaachun (Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa, barreessaafi barsiisaa Afaanii fi Ogbarruu Oromoo), Dr. Abdi Mohaammad (Yuunivarsiitii Haramaayaa) fi Dr. Nasruddiin Aliyyiin gulaalameera.
Author's Story
Ka'umsa Yaadaa
Kaayyoon kitaaba kanaa warroonni seenaa ummata kanaa hin beekne akka sirritti baratan gochuu, warri beekan immoo dhaloota ol adeemaa jiru kana akka barsiisaniif yaadachiisuudha. Akkasumas, hojiileefi bu'ura abbootiin keenya jaaran akka lafatti hin hafneef, dhaloota har'aafi kan boruu ijaaruuf akka mana barnootaatti seenaa abbootii isaanii akka baratan taasisuu irratti xiyyeeffata.
Imaammataafi kaayyoo kana galmaan gahuuf, kitaabni "Qarooma Baha Oromiyaa: Seenaa Ummata Harargee" jedhamu kun dadhabbiifi hifannaa takka malee turtii waggaa lamaa (2) keessatti ummata Oromoofi Oromiyaaf dhihaatee jira. Kitaaba kana keessatti ragaaleen qulqulluufi barruuleen wabiidhaan deeggaraman haala gadi fageenya qabuun itti fayyadamaa ta'aniiru. Seenaan kun seenaa argaa-dhageettii qofa osoo hin taane, ragaalee dhugaa mirkanaa'an, miidiyaaleefi hayyoota beekkamtii qaban biraa odeeffannoo sassaabameen kan deeggarameedha.