
The Book
Qarooma Baha Oromiyaa
Seenaa Uummata Harargee
Seenaan utubaa eenyummaafi agartuu jireenya ummata tokkooti. Namni seenaafi duudhaa ofii hin beekne, eenyummaafi galma guddina isaatis sirritti adda baasee beekuu hin danda'u. Guddina, jaalalaafi sabboonummaa biyya tokkoo mirkaneessuuf, gahee hayyoonni, qabsaa'onnii fi bu'ureessitoonni jireenya isaanii ummata isaaniitiif wareegan dhaloota dhalootatti tursiisuun dirqama seenaati.
Seenaan ummata Harargee seenaa guutuu Oromiyaati. Akkasumaas, seenaa biyyattii keessattis bakka guddaa kan qabuudha. Namoonni waayee seenaafi gumaacha Harargee gahatti hin beekne akka baratan, kennaawwan dhaloota kanaaf gumaachaman akka yaadataman gochuun waan dagatamuu hin qabneedha.
Barii dhaloota dhala namaa keessatti qaroominni dhimma yeroo tokkotti dhalatee miti; akkuma dhala namaa suuta dhalatee, guddatee, sadarkaa kana gahe. Qaroominni dandeettii sammuufi onnee dhala namaa keessatti dukkanarraa gara ifaatti, diigamuurraa gara ijaaramuutti, akkasumas wallaalummaarraa gara beekumsaatti nama kan geeysuudha. Addatti yoo waa'ee Harargee kaafnu, qaroominni naannoo kanatti hiikkaa gadi fagoo qaba — Harargeen dhugumatti burqaa qaroominaati, lafa seenaa kitilaafi wiirtuu hayyoota kumaatamaati.
Get the BookDetails
Odeeffannoo Kitaabichaa
Mata duree guutuu: Qarooma Baha Oromiyaa — Seenaa Uummata Harargee
Afaan: Afaan Oromoo (Qubee Laatinii)
Bal'ina: Boqonnaa 18, fuula 226
Gulaaltota: Dr. Sabsibee Geetaachun (Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa), Dr. Abdi Mohaammad (Yuunivarsiitii Haramaayaa), Dr. Nasruddiin Aliyyii
Bocawwan argaman: Kitaaba maxxanfame (waraqaa) fi kitaaba PDF (digitaalaa) — lamaanuu ni argamu
Origins
Seenaa Uumama Kitaabichaa
Barreessaan kitaabichaa, Jaalataa Abdullaahii Muhammad, galata jalqabaa Rabbiif galchuun booda, abbaa isaa Abdullaahii Muhaammadiifi haadha isaa aadde Saafiyaa Alii — kan daa'imummaa isaa irraa hanga guyyaa har'aatti isa guddisan — addatti immoo haadha manaa isaa Hilwaa Durrii, kan dadhabbin guyyaa kitaabichi xumurame gahuuf benziila isaaf taate — galateeffateera.
Ustaazoolii fi sheekonni jalqabarraa yaadaafi hubannoo isaaf kennuudhaan waan inni barreessuu qabu isa qajeelchan hedduun jiru: Sheekha isaa Sheekh Jamaal Haajii Yuusuf, Dr. Ammaar, Sheekh Amiin Ibroo, Ustaaz Anas Muhaammad, Ustaaz Abdurahmaan Husseen, Ustaaz Najjaash Muhaammad, Abbaa Gadaa obbo Muussaa Alii fi kaan. Obboleessi isaa Haaji Abdallaah Muhaammad immoo, bakkoota garagaraa deemee yaada kitaabichaa walitti qabachuu irratti qarshiidhaan isa gargaareera.
Dhuma irratti, kitaabichi Dr. Sabsibee Geetaachun (Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa, barreessaafi barsiisaa Afaanii fi Ogbarruu Oromoo) fi Dr. Abdi Mohaammad (Yuunivarsiitii Haramaayaa) waliin gulaalameera.
A Look Inside
Waan Kitaaba Keessa Jiru
Kitaabni kun qabeenya seenaa, qarooma hawaasummaa, qabsoo eenyummaafi ijaarsa biyyaalessaa uummata Baha Oromiyaa (Harargee) keessatti argamu gadi fageenyaan kan xiinxaluudha — kutaalee afur guddaa jala:
1. Bu'uura Seenaa, Qaroomaafi Eenyummaa Bahaa (Boqonnaa 1–10): Burqaa beekumsaafi sirna jireenyaa, gootota akka Imaamu Ahmad Ibn Ibraahim Al-Gaazii, fi qabsoofi wareegama uummata naannichaa.
2. Jabina Qaamaa, Sammuufi Gootummaa (Boqonnaa 11–15): Aartii of-ittisuu (Marshaal Artii) akkamitti gara Baha Oromiyaa akka seenee dhaloota haaraa ijaare.
3. Hayyoota, Kalaqa Qubeefi Alaabaa (Boqonnaa 16): Sheekh Bakrii Saphaloo uummata isaatiif qubee jalqabaa yoo kalaqu, Dr. Sheekh Muhaammad Rashaad Abdullee ammoo Qubee Afaan Oromoo ammayyeessee, Alaabaa Oromiyaafi hiikkaa Qur'aanaa uummataaf gumaacheera.
4. Haala Dhaloota Ammaa fi Of-Ilaaluu (Boqonnaa 17–18): Kitaabichi gara madaallii har'aatti deebi'ee, dhaamsaafi furmaata dhiyeessa — xumurratti immoo hayyoonni, sheekonniifi hoogganoonni hawaasaa garagaraa Harargeef qaban ibsu.
Read the excerpts →