Inside the Book

Excerpts & Chapter Highlights

A preview of the book, not the full text — get the book for the complete story.

Chapter Highlights

  • Boqonnaa 1: Qarooma Baha OromiyaaMaalummaa qaroominaa, Baha Oromiyaa akka wiirtuu seenaafi gootummaa, amantii Islaamaafi bulchiinsa jabaa, hawaasummaa, qubeefi dinqisiifannaa dhalootaa.
  • Boqonnaa 3: Sheek Bakrii SaphalooSeenaafi eenyummaa Sheek Bakrii Saphaloo, abbaa qubee Afaan Oromoo isa jalqabaa, barnootaafi kalaqa qubee, dararaafi jaalala maatiifi qabsoo sabaa.
  • Boqonnaa 4: Dr. Sheek Muhaammad Rashaad Abdullee (Abbaa Qubee Afaan Oromoo)Imala barnootaa Harar, Jibuutii, Yaman, Sa'uudii, Suuriyaafi Masrii; qabsoo Raadiyoo Moqaadishoorraa, dooktarummaafi bocamuu Qubee Afaan Oromoo, alaabaa Oromiyaafi hiikaa Qur'aanaa.
  • Boqonnaa 6: Magaalaa Harar — Wiirtuu Seenaa, Qaroomaafi Jiddugala Amantii IslaamaaManneen suphee magaalaa Harariifi daandii cobble stone, masjiida gara baatiskaanaatti jijjiirame, barreeffamoota harkaa (muziyeemii Abdallah Ali Shariif — barreeffamoota harkaa 14,000).

Excerpts

Maalummaa Qaroominaa

Boqonnaa 1: Qarooma Baha Oromiyaa

Qaroominni dandeettii sammuufi onnee dhala namaa keessatti dukkanarraa gara ifaatti, diigamuurraa gara ijaaramuutti, akkasumas wallaalummaarraa gara beekumsaatti nama kan geeysuudha. Harargeen seenaa keessatti handhuura daldala idil-addunyaafi xurree wal-qunnamtii galaanaati.

Qubeen Lafarratti Barreeffamte

Boqonnaa 3: Sheek Bakrii Saphaloo

Iddoon inni itti barsiisaa ture lafa dhukkeefi daaraa (awwaara) hedduu qabu waan ta'eef, lafarratti sararee barsiisaa ture. Yeroo diinni ykn xilaanni dhufu harkuma isaatiin dafee lafarraa haqee balleessa.

Sagalee Raadiyoo Moqaadishoo

Boqonnaa 4: Dr. Sheek Muhaammad Rashaad Abdullee (Abbaa Qubee Afaan Oromoo)

Dr. Sheekh Muhaammad Rashaad Abdullee Raadiyoo Moqaadishoo irraa sagalee ‘Afaan Oromoo’ jedhu dhaloota dhageessisee, Qubee Afaan Oromoo ammayyeessuufi Alaabaa Oromiyaa bocuuf bu'uura cimaa kaa'e.

Nuti Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne

Boqonnaa 5: Seenaa Sheek Aadam Tuulaa (1912–2022 A.L.A)

Dhaloonni har'aa gorsa Sheekh Aadam Tuulaa ‘Nuti biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne’ jedhu onneetti qabatee, kakuu abbootii eeguun biyya ijaaruu irratti akka xiyyeeffatu gaafata.