Praise
Reviews & Testimonials
What readers and critics are saying about Qarooma Baha Oromiyaa.
“Kitaaba kana keessatti wanniin hubadhe amantiifi amantaa, bilchinaafi qaroomina abbootiin teenya rakkoofi miidhaa hedduu keessa dabranii asiin gahan kana dhaloonni ammaa amaanaa fudhatee itti fufsiisuuf dirqama qaba. Kitaaba kana keessatti seenaa dhokatee tureetu ifatti bahe. Kitaaba dhaloonni hundi dubbisuu qabuudha!”
“Kitaaba ‘Qarooma Baha Oromiyaa’ jedhu kana keessatti dhugaafi haqa abbootiin teenya hojjetan bare. Kitaaba seenaafi dhugaa hedduu of keessaa qabuudha.”
“Harargeen biyya ulamaa'otaa, hayyootaa, qabsaa'otaafi wiirtuu tokkummaati. Biyya osoo afaaniin, sabaafi gosaan addaan hin qoodamin jaalalaafi tokkummaan waliin jiraattuudha.”
“Harargeen biyya Rabbiin Itoophiyaa keessatti maqaa ishee olkaaseedha. Madda amantiifi guddina keenyaati. Harargeen biyya aalimootaan badhaateefi arjummaan itti walgaheedha.”
“Harargeen 'Iskolaarshippii' Oromiyaati. Madda beekumsaafi ilmii Islaamaa kan namni itti imalee waraabbatuudha.”
“Harargeen dhugumaan biyya qaroomni irraa madaqee Oromiyaafi addunyaa gahaati. Qarooma Baha Oromiyaafi guddina saba Oromoo keessatti shoora guddaa qabdi.”
“Harargeen biyya waan hundumaan qaroomaan dursituudha. Daldalaan, aartiidhaan, ilmii shari'aatiin, hayyummaanfi qabsoo Oromoo tokkummaan itti jalqabdee galmaan gahuu keessatti biyya hangafaati.”